Amaazoon tajaajila Amaazoon Otoos UK keessatti jalqabuuf yaada qaba, kunis gurgurtaa konkolaataa toora interneetii irratti kan qophaa'edha. Akka karooraatti jalqaba bara dhufuu irraa eegalee jiraattonni biyyattii konkolaattota haaraa fi kan fayyadame karaa waltajjii kanaan bitachuu ni danda’u.
Haala kanaan tajaajilli Amaazoon Otoos yeroo jalqabaaf Ameerikaan ala ni ba'a. UK keessatti pirojektiin kun Hyundai waliin ta'uun kan raawwatamu ta'a. Kana malees, bitattoonni konkolaattota waltajjii daldaltoota konkolaataa 200 naannoo biyyattii adda addaatti argamanitti dhiyaataniin ajajuu ni danda’u.
Amaazoon gara fuulduraattis dhaabbilee gurgurtaa konkolaataa irratti hirmaatan biroo waliin tumsa babal’isuuf yaada qaba. Wanti tajaajila kanaa inni biraan maamiltoonni gatii gabaa konkolaataa ofii isaanii murteessuu danda’uu ta’a.
Yeroo ammaa kana waltajjii Amaazoon Otoos irratti konkolaattonni maqaa 35 ta'an jiru. Tajaajilli haaraan kun eegaluun isaa tarkaanfiiwwan barbaachisoo dhaabbatichi gabaa daldala konkolaataa keessatti sochii idil-addunyaa babal’isuuf fudhatu keessaa tokko ta’a.





